Dr. Abiy Ahimad: Ministira Muummee Oromiyaa Xiqqoo keessatti

Namoota Mineesotaatti walitti qaban fuulduratti

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota Mineesotaatti walitti qaban fuulduratti

Daawwannaan Dr. Abiy Ahimad Mineesotaatti taasisan kan DC fi LA'tti taasisaniin qophii, qabiyyee ergaafi simannaan addadha jedhu namoonni irratti hirmaataniifi daawwannaa kana qalbiin hordofaa turan.

Kan Mineesotaa kan eenyummaan sirriifi tokkummaan dhugaa iirratti mullatedha jedhu.

"Akkaatan ummanni keenna itti baye baay'ee nu gamachiise," jedha Murteessaa Ahmed.

Akka murteessaan jedhutti kan qophii Mineeesotaa kana adda taasie kan biraan Jawaariif Muumichi Ministiraa walbiratti arguusaati.

Ministirri Muummichaa Dr. Abiy Ahimad akkuma yeroo kaanii haasawaa ergaa jaalalaafi tokkummaa taasisaniiru.

Gaaffileen uummatarraa kaa'an hedduun kan dhimmoota akka daangaa, tokkummaa yeroo ammaa maqaa 'Ida'amuu' jedhuun dubbatamaa jiruu, hariiroo Itoophiyaafi Eertiraa, kan biroorratti fuulleffate ka'aniifis Ministirri Muummichaa deebii kennaniiru.

Jiraattonni Oromoo hedduminaan kan irratti argaman ta'uusaatiin walqabatee gaaffileen dhimma saba Oromoo ilallatan jajjabduun ka'anii turan.

Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaas lammilee kutaa biyya Ameerikaa kana ba'anii alabaafi uffataan hedduu faayamanii isaan simataniif haasaa taasisaniiru.

Ergaalee jajjaboo waltajjii Mineesotaa irratti darban.

  • Sabni addaan faca'e walitti ida'amee akka dhimma biyyasaa keessatti qooda hin fudhanne gimbii taasisan jigsuun barbaachisaadha
  • Amaarri Oromoof, Oromoon Sumaaleef, Somaaleen ammoo warra kaaniif sodaa osoo hin taane humnadha.
  • Ijoolleen keenya waliin dubbatanii akka walii hin galle, ija diinummaan akka wal ilaalan taasifneerra. Sana bakka buusuudhaaf amma ida'amnee halkaniifi guyyaa hojjechuu qabna.
  • Yoo biyyi diigamte kan fayyadamu eenyudha? Warra kaaniifi seenaarraa barannee jaalalaan Itoophiyaa guddoo tokko ijaaruun kan Afirikaaf gumaachitu taasisuu qabna.
  • Gimbiin addaan nu baase afaan baay'ee dubbachuu keenya, sanyii gara garaarraa dhufuu keenyaafi amantaa gara garaa qabaachuu keenya miti. Isaan kun hunduu miidhagina keenyadha. Nuun kan adda nu baase jibbinsa, waltuffachuu, of jaallachuufi haaloo ba'uudha. Bara keenyatti kun kan dhowwamedha jechuu qabna.
  • Waashingiteen Diisiifi Loos Anjalasitti gimbiin jigeera Mineesotaatti ammoo caccabaan harameera.
  • Mineesotaatti waajirri Qoontsilaa ni banama.