Diyaamandii qulqulluu abbaa kaaratii 102 dolaara miliyoona 16tti gurgurame quba qabduu?

Diyaamandii

Madda suuraa, AFP

Diyaamandii adii qulqulluufi darbee darbee malaa hin argamne abbaa kaaraatii 102 caalbaasii toora interneetaan gaggeeffameen dolaara miliyoona 15.7 tahuun gurgurame.

Albuudni kun gara nama karaa bilbilaa caalbaasii irratti hirmaateetti deeme. Gurgurtaan kun kan gaggeeffame karaa interneetiiti.

Caalbaasiin isaa sababa weerara koroonaavaayirasiin Hongi Kongitti jalqabee tursiifame.

Diyaamandiin kun dhagaa kaaraatii 271 tahe keessaa bara 2018 Kanaadaatti argame.

Diyaamdii kaaraatii 100 olii torba qofatu ture. Gurgurtaan albuuda kanaa gatii taa’eru biraa hin qabu. Gatii inni dhumaa namni gurguru barbaadu ture.

Kun seenaa keessatti yeroo jalqabaaf diyaamandiin bifa caalbaasiin gurgurame.

Dhaabbanni Sooteey faaya garaagaraa gurguruun beekamu diyaamandiin kun ‘’mudaa kan hin qabne’’ jedhe. Miidhagina isaa ibsuun nama rakkisa jedheera.

Toobiyaas Kormiindii daarikterri gurgurtaa interneeta faayaa 77 Diyaamandi jedhamuu namni bite ‘’gatii barbaannu guutera’’ jedhe.

Gatiin isa jedhameen ala jiraachuu baatus namni bite kun murtoo jabaa fudhachuun warra kaan mo’ateera jedhe.

Bara 2017 diyaamandiin faaya mormaa tahe kaaraatiin 163 doolara miliyoona 33.7 Jenevaatti sagantaa Kiristii jedhamu irratti gurguramee ture.

Diyaamandiin dhagaa kaaraatii 400 keessaa Angolaatti argame seenaa keessatti isa guddaa yoo tahu eenyu akka bitatte hin himamne.

Baruma sana diyaamaniin halluu Piinkii [diim-adii] qabu karaatii tokkoon gatii rikardii jedhameen doolaara Miliyoona 42.3tti gurgurame.

Kaaratiin tokko doolaara 2.6 baaseera jechuudha, akka dursaa caalbaasii Kiristii Awurooppaatti.